Thursday, 21 March 2019

【Dhugumatti ani si waliin nan ta'a】s/ba'uu 3:12



...+++...
Waaqni karaa garaagaraatiin namoota gara isaa ni waama karaa garaagaraatinis warra isa irraa fagataanis ni sassaaba, kan baqataniis ni eega, garbuummaadhan warra bitamaniis bilisa ni baasa.Kana immoo nama isaatin  raawwata.inni kan filate kabajaa fi angoo ni laata.Waaqayyoo esraa'eelota fooni waggaa (430) lafa itti garbummaadhan jiraatan gibtsi jalaa bilisa baasuu ennaa yaadee turetti mana fara'oonitti harma haadhaa kan hodhee guddate mussee filatee ture(s/ba'uu 3:9).
Waaqayyoo saba koo kan jedhuun uumama ( sabaa fi ummata) garbummaa jalaa baasee hidhaa si'ool irraayis hiikee badiidhaa gara karaa jireenyatti ceesisuuf diina isaani kan durii diyaabilos jalaa bilisoomsee ilmaan ofii godhachuuf yoo ka'u namoonni garuu yaada namummaa dadhabaa kan ta'en madaalun akka hin danda'amne ni yaadan ture.
Akka ilaalcha namaa dadhabaatti fara'oon muussee cabaqaa duratti sodaachisadha.kun garuu akka ilaalcha muusseetti akka keenyattiis ta'u ni mala.
Namoonni angoo lafa irraa akka waan guddaatti waan ilaalluf muusseenis kanaan shallagee madaaludhan "gara fara'oon kan deemu saba israa'eel kan bilisa baasu ani eenyu" jedhee sodaa isaa ibsee ture.
Namoota gara amantaatti harkisuuf qulqullumman akka deebi'an taasisuf gorsuudhafi hidhaa irraa akka hiikaman kan "nuu ol"  jenne waan ilaalluf ni sodaanna.hunda irra caala kan jennuun akka waaqayyo nu ajajetti ta'u akka qabu yaadu qabna.Waaqni saba isaa akka sassaabu bilisas akka bahaan kan ergatu raajota,qulqulloota,barsiisota, ergamoota yoo bobbaasu sodaan lapheesanitti akka hin margine Kaayyoo ergamanif akka hin daganneef ergaa isaa keessatti ani isin waliin nan jiraadha jedhee humna,onnee fi  jajjabina isaanif laatera.


kan nurraa eeggamu waaqni,  ilma namaa irra bulee raajii akka raawwatu amanuudha. .Ergamootan deematii saba hunda maqaa abbaa,ilmaafi afuura qulqulluun cuuphatii duuka bu'oota koo taasisaa ennaa jedheen sanatti akka isaan waliin ta'u haasawa isaa hin sobneen dubbateera. Ergamoonnis tajaajilaaf yoo bahan inni isaan waliin jira waan ta'ef dhukkabsatoota fayyisaa otoo hin sodaanne kiristoosifis ragaa yoo bahan kan hin amannee qaanessaa isaan amanan immoo jabeessaa jajjabeessaa ni mulatan ture kun hundi immoo kan ta'ef waaqni isaan waliin waan tureefidha.
Raajootaf ergamootaf kan kennaman oogummaa fi jabinni ammas ergamoota booda hiriiree ummata nama barsiisuf ilaalcha fi hojimata ergamoota nama qabatee baheef waaqayyoo isaan dursee afaan, kaka'umsa fi cimiina ni ta'aafi.Tajaajilaa sodaa maleef  waaqayyo qulqullichi akka isa tajaajilanif warra filaman maraaf jajjabina akka ta'u dubbateera.kana kan amanan raajonni, ergamoonni, wareegamtoonni,qajeelonni waan itti amanan qabsoo guddaadhan sodaa malee mootota ija jaboo fuulduratti barsiisaniru lallabaniirus. Qormaanni isaanitti dhufaa ture hammaataa ta'us waaqni isaan cinaa jira waan ta'ef sodaa malee dhugaa raganiiru.Abboota kiristaana kana irraa wanti barachu qabnu waaqni hanquu keenya akka guutufi taajajila keenya duras akka waaqni dhaabbatu amannee akka kaanu dha. Gediyoon waamicha gooftaa  ennaa dhagahee turetti xiqeenya isaa fi tuffatamas ta'u of beekee akkamitti ta'a jedhe(mas 6). Isaayas garuu hanqina beekachaa waaqayyo  gooftaan eenyu ergu ennaa jedhee turetti ana ergadhu jedhe (isa 6:1-)
Isaayas murtaawefii kan jajjabeeffame qabeenyi raajii isaa kan deebi'eef waaqayyoo duratti tajaajilaan amanamaa ta'u isaa kan agarsiisenidha.biyya ormaatti kan booji'amtee turte waa'ee waaqayyoofi  elsaa'ii kan dhugaa  ragdee kan turte daa'imti  xiqqoon (1ffaa nag 5፥1) hangam ajaa'ibadha.
Fayyisummaa waaqaa namaan raggaasisuf dirqama macaafa eegun hin barbaachisu.Isheenis hundumaafu raajiich akka raajii taasisu ni ragde.waaqnis dadhabina ishee ni gargaare laphee mootii neiman gara sirreenyatti ni deebise. Daani'el,daa'imman sadeen,ergamoonni hojii raajii waaqaa ragaa bahuudhaf hin laafne turan.
Qormaata baayy'ee keessanillee gooftaaf ni amanaman.kunis hangam akka waaqayyoo kan taajajillu taajajiltoonni dursinee waaqayyo dursee akka nu waliin ta'uf jireenyi qajeelan nu barbaachisa.
ragaa bahuudhaf muddamnee jireenya jiraannee hin beekne namoota barsiisuun waan ulfaatudhayiiti dursa barnoota barataniin jiraachun nu barbaachisa.
Waaqayyo of fuuldura taasifnee ennaa tajaajillutti akka kakuu muusseef galetti facaasuf kan jabaate kan facaasnes akka haammaannu jabdoota ni taana. Hangafni luubootaa muusseen waaqayyoon akka filamuuf kan isaan gaheef kan duriitis yoo ta'e gad dhiitamun israa'eloota isa ni mudda waan tureefidha.
Kan garaa isa nyaate argee dursaa akka ta'uf filate dadhabina isaas ni gargaree kana qofa miti raajiis ni raawwate garba ni ceesise kun akka gargaarsa isaatti malee muusseen waa takka taasisuu hin danda'u.
Waaqayyoo muusee yoo waamu bara dullummaa isaatti ta'usaa hubadhaa.dullumattis waa taasisuu kan hin dandeenye ta'us waaqayyoo isa dursee baayy'ee taasisuu akka danda'udha. Waaqni muussee harr'as harkasaatin waan raajii ni taasisa.immimmaanin Garaa isaan nyaatee waa'een mana amantaa kan isaan yaachise gargaaruuf waaqni amanamaadha.
Waaqan hammatamuu baachuun saba keenyaa yoo nu yaachise mana amantaati fagaachuun isaani yoo nu dhiphise akka nuti isaan tajaajilluuf "ani si waliin nan jiraadhatii deemi" hima jedhuun tajaajilaa nu jajjabeessa.Sabni garbomee akka hin jiraanne, Garbummaa cubbuu jalaa akka fagaatan qajeellina akka lallabnuuf Karaa gaabbitiin akka dursinuuf raajota, ergamoota waliin akkuma ta'e harr'as bara baraan tajaajiltoota isaa waliin ni jiraata.Kan nurraa eegamu afuurawan cimnee of waregun jireenya kiristaanummatti amannee sagalee isaatif immoo amanamuudha.ragdoota sagalee isaa akka taanu waaqayyoof dessuun isaa araarsummaa isheetin nu yaa gargaartu ameen.
Galata waaqayyoof.

No comments:

Post a Comment